Sirna qeeyyaa (ykn sirnakkoo) jechuun orgaanizimoota hawaasa adda addaa kan hariiroo walii wajjin qabaniifi naannoo (lubbu maleeyyii) isaanii wajjin qabanii dha. Kanaafuu, sirnakkoon lubbu qabeeyyii hundaafi naannoo (lubbu-maleeyyii) isaan keessa jiraatan hundaa hammatudha. Sirnakkoon bal’ina isaatiin garaagarummaa qaba. Fakkeenyaaf; haroowwan, lafa margaa, gammoojjii, bosonaafi kan kana fakkaatan yoo ta’an kunniinis bal’ina adda addaa qabaachuu danda’u. Sirnakkoon baay’ee qindaa’aafi ofdanda’aa ta’ee aduu akka madda anniisaatti fayyadama. Anniisaan kallattii tokko qofaan (qopheessitoota irraa gara soorattootaatti) kan yaa’u yoo ta’u maddi anniisaa inni jalqabaa aduu dha.

Ruqoolee Sirnakkoo

gulaali

Sirnakkoon bakka kamittis argamanii, maalis fakkaatanii, hundi isaanituu elemeentota tokko ta’e qabu. Lubbuu qabeeyyiin hunduu jiraachuudhaaf lubbuu maleeyyii ni fedhu. Sirnakkoon naannoo uumamaa keessatti wantoota walitti dhufeenyaafi walitti hirkattummaa qaban hedduu of keessaa qaba. Sirnakkoon ruqoolee lama qaba. Isaanis:

i. Ruqoolee lubbu-qabeeyyii fi

ii. Ruqoolee lubbu-maleeyyii

Ruqoolee lubbu-qabeeyyii: Ruqooleen kunniin lubbu-qabeeyyii naannoo keessatti argaman hunda hammata. Isaanis: qopheessitoota, nyaattotaafi burkuteessitootadha.

Ruqoolee lubbu-maleeyyii: Ruqooleen kunniin lubbu-maleeyyii wantoota lubbuu hin qabne naannoo keessatti argaman hunda hammata. Isaanis:

A. Qabattoota haala qilleensaa- ifa aduu, tempireecharaafi bishaan fa’a.

B. Qabattoota biyyee- pH(Sadarkaa Dhangagaa'innaa(SD)), albuudota, jiidhinsa biyyeefi k.k.f dha.

C. Qabattoota teessuma lafaa- Olka’iinsa lafaa kanneen akka gaarreewwaniifi sulullaniidha.

Gosoota Sirna qeeyyaa

gulaali

Sirni qeeyyaa  akka adalqaljii (oasis) gammoojjii keessa jiru xiqqaa ta’uu danda’a, ykn akka garbaa guddaa ta’uu danda’a, kiiloo meetira kumaatamaan lakkaa’amu. Sirni qeeyyaa gosa lama qaba:

Sirna qeeyyaa lafawoo (Terrestrial Ecosystem)

gulaali

Sirni qeeyyaa gaffaan sirna qeeyyaa lafa irratti hundaa’e qofaadha. Sirni qeeyyaa lafaawoo ykn gaffaa gosa adda addaa naannoo godina xiindachee adda addaatti raabsamee jira. Isaanis kanneen armaan gadiiti:

  1. Sirna qeeyyaa bosonaa (Forest Ecosystem)
  2. Sirna qeeyyaa lushoo ykn lafa margaa (Grassland Ecosystem)
  3. Sirna qeeyyaa diilalloo (Tundra Ecosystem)
  4. Sirna qeeyyaa gammoojjii (Desert Ecosystem)

Sirna qeeyyaa bosonaa (Forest Ecosystem)

gulaali

Sirni qeeyyaa bosona biqiltoota hedduu of keessaa qaba, keessumaa mukkeen, bineensotaa fi maayikiroo-orgaanizimoota kanneen qabbattoo lubbuu maleeyyii naannoo wajjin qindoominaan jiraatan. Bosonni ho’a lafaa eeguuf kan gargaaru yoo ta’u, kaarboonii guddaa itti liqimsudha.

Sirna qeeyyaa lushoo ykn lafa margaa (Grassland Ecosystem)

gulaali

Sirnakkoon kun margeendhedheeroo fi mukkeen tokkotokkoo of keessatti qabata.

Sirna qeeyyaa diilalloo (Tundra Ecosystem)

gulaali

Diilalloon naannoo Kaabacabbii(Arktiik) fi alpaayinii keessatti kan argamu yoo ta’u, teempirrcharii garmalee qorraa fi yeroon guddinaa gabaabaa ta’a. Tundraan kun kan amala qabu permafrost (biyyee dhaabbataadhaan qabbanaa’e), biqiltoota xiqqaa guddatanii fi hanqina mukaatiin.

Sirna qeeyyaa gammoojjii (Desert Ecosystem)

gulaali

Gammoojjiin kan argamu naannoo sarara dagalee 350 ka fi 350 ki tti. Naannichi kan ittiin amaleeffamu rooba bokkaa baay'ee xiqqaa qabaachuu dhaan . Bokkaan yeroo roobu cimaa fi yeroo gabaabduuf qofa. Gammoojjiin guyyaa baay'ee ho'a halkan ammoo baay'ee qorra . Kanaafis guyyaa tempireechariin baay'ee ol ka'aa dha . Biqiloonni zeeroofaayitoota jedhamanii fi biqiloonni bishaan jirmaa fi baala isaanii keessa kuufatan, biqiloonni sakkulantii ykn cuumaa gammoojjii keessa jiraatu.

Sirna qeeyyaa bishaanii (Aquatic Ecosystem)

gulaali

Sirni qeeyyaa bishaanii sirna qeeyyaa qaama bishaanii tokko keessatti argamudha. Isaan kun dabalataan gosa lamatti qoodamuu danda’u, isaanis:

Sirna qeeyyaa bishaan haarawaa (Freshwater Ecosystem )

gulaali

Sirni qeeyyaa bishaan haarawaa sirna qeeyyaa bishaanii yoo ta’u, haroowwan, bishaan kuufamaa, lageen, burqaafi lafa caffaa of keessatti qabata. Isaan kun sirnakkoo maanyaa irraa faallaa ta’een qabiyyee soogidda hin qaban.

Sirna qeeyyaa maanyaa (Marine Ecosystem )

gulaali

Sirni qeeyyaa maanyaa galaanaa fi garba of keessatti qabata. Isaan kun sirna qeeyyaa bishaan haarawaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu qabiyyee soogidda guddaa fi lubdaneessummaa guddaa qabu.

  NODES
HOME 1
languages 1
Note 1
os 34